Eeritiraa

From Wikipedia, the free encyclopedia

Eeritiraa

Eeritiraan biyya Gaanfa Afrikaa keessatti argamtu. Eeritiraan naannoo Galaana Diimaatti argamti.

Odeeffannoo dabalataa Koonya Eertiraa ሃገረ ኤርትራ (Hagere Ertra)دولة إرتريا (Dawlat Irītriyā)Stato d'Eritrea ...
Koonya Eertiraa
ሃገረ ኤርትራ (Hagere Ertra)
دولة إرتريا (Dawlat Irītriyā)
Stato d'Eritrea


Ballina117 600 km²
Baayyina ummataa5 869 869 (2016)
Tuuta'insa ummataa51,8/km²
FaaruuErtra, Ertra, Ertra
Koodii lakkoofsa bilbilaa+291
Cufi

Eeritiraa n biyya baha Afrikaatti argamtu yoo tattu dhihaan Sudaaniin, kibbaan Itoophiyaan, kibba-bahaan Jibuutin dangeffamte argamtii. Bahaa fi kabba-bahaan Galaana Diimaan kan marfamte yoo taatu, Galaana Diimaa gama immo Sa'ud Arabiyaa fi Yamanitu argama. Odoloonni Dahilaak fi Odolli Hanish bayyen akka kutaa Eertiratti ilaallamu.

Mudde 1, 1890tti, Eertiraan bittaa gabrummaa (colony) Ixaaliyaa jala galte. Eertiraan ammaa kuni billisumma Itoophiyaarra kan argatte warrana wagga sodammaffi geggeffameen booda. Warranni kunis bara 1961 hanga 1991 geggeeffame. Heerri Eertiraa bara 1997tti ba'e akka ibsetti, Eertiraan riippabiliika pirezidaantin bultu (presidential republic) yoo taatu dimookiraasii paarlaamaa (Unicameral Parliamentary Democracy) qabdi. Haa ta'u malee sababa warrani Itoophiyaa fi Eertiraa jiddutti Caamsaa 1998 jalqabbeffi, Eeritraan seera kana hojji irra olchuu hin dandenye.

Eertiraan biyya afaan fi adaa adda adda qabdu fi gosa amantii lamma qabdi, kunis amantii Islaamaa Sunnii fi amantii Ortodoksii kan bahaa (Oriental Orthodox Christianity) ti. Ertiraa keessatti gosa sagalitti argamu. Eritraan afaan biyyaffi murteeffame hin qabdu, haa ta'u malee biyya keessatti afaani gosa sadiin hojjattu; kunis Tigriffa, Arabiffa fi Ixaaliyaaniffa dha.


Dachee Aafrikaa
Aafrikaa Giddu Galeessaa | Aafrikaa Kibbaa | Aljeeriyaa | Angoolaa | Beeniin | Bootiswaanaa | Burkinaa Faasoo | Buruundii | Chaad | Eeritiraa | Gaabon | Gaambiyaa | Gaanaa | Giinii | Giinii-Bisaa’uu | Ijiipti | Iqu’aatoriyaal Giinii | Itoopiyaa | Jibuutii | Kaameruun | Keeniyaa | Keeppi Verdee | Komoroos | Kootdivo’aar | Laayibeeriyaa | Leesoottoo | Liibiyaa | Maalaawwii | Maalii | Madagaskaar | Mooriishes | Mooritaaniyaa | Moozaambiik | Morookoo | Naayijeeriyaa | Namiibiyaa | Niijer | Riippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo | Riippabiliika Koongoo | Ruwaandaa | Sa’o Toomee fi Piriinsippee | Sahaaraa Dhihaa | Senegaal | Seraa Liyoon | Siishelsi | Siwaziilaandi | Somaaliyaa | Sudaan | Sudaan Kibbaa | Tanzaaniyaa | Toogoo | Tuniisiyaa | Yugaandaa | Zaambiyaa | Zimbaabuwee

Wikiwand in your browser!

Seamless Wikipedia browsing. On steroids.

Every time you click a link to Wikipedia, Wiktionary or Wikiquote in your browser's search results, it will show the modern Wikiwand interface.

Wikiwand extension is a five stars, simple, with minimum permission required to keep your browsing private, safe and transparent.