Biqilaa
From Wikipedia, the free encyclopedia
Biqiltoonni micirjirtiiwwan lubbiyyedduu ta’anii Jaariftina gaggeessaniidha. Biqiltootni cichaa lubbiyyoo seeluloosii irraa ijaarame qabu. dibamagarrissa waan qabaniif adeemsa jaariftinaan nyaata isaanii qopheeffatu. Kanaafuu, qopheessitoota (awutootiroofota) jedhamu.Isaanis Lubbu qabeeyyii mootummaa biqiltoota umaniiidha.Fakkeenya biqiltootaa kan ta’an saaphuyyee, liivarwoortii, kaarrolee, gurbii, mukkeen gurguddoo akka: birbirsa, waddeessa, Ejarsaa, baddeessaa; Midhaan akka garbu, qamadii, Xaafii fi kan kana fakkaataniidha.