Jaariftina
From Wikipedia, the free encyclopedia
Footoseenteesisii ykn Jaarifni adeemsa ofsooroon ykn qopheesitootni ifaa anniisaa ifaa gara anniisaa keemikaalaatti jijjiiran yoo ta’u, boodarra sochii lubbiyyoo boba’aa ta’uuf itti fayyadama. Jaariftini adeemsa kilooropilaastoota keessatti karaa biflee(pigment) jarifaawoo kanneen akka magariisee(chlorophyll) a, magariisee(chlorophyll) b, micceetiiniin(carotene) fi keellomsoon(xanthophyll) raawwatamuudha. Biqiltoonni magariisaa hundii fi qopheesitootni(autotrophs) muraasni biroo jaariftina fayyadamuun kaarboon daayi’oksaayidii, bishaanii fi ifa aduu irraa soorata oomishu. Bu’aan cinaa adeemsa jaarifinaa oksijiinii dha.jariftini biqiltoota magariisaa malees mijirtiiwwan biroo irrattis ni hojjeta. Isaan keessaa pirookaariyoota hedduu kanneen akka saayinoobaakteeriyaa, baakteeriyaa sidisaa(purple) fi baakteeriyaa waalgaa magariisaa of keessatti qabatu. Orgaanizimoonni kun akkuma biqiltoota magariisaa jariftina gaggeessu.Glukoosiin yeroo jariftina uumamu sana booda sochii lubbiyyoo adda addaaf akka boba’aatti tajaajila. Bu’aan cinaa adeemsa fiiziyoo-keemikaalaa kanaa oksijiinii dha.
jariftini saaphaphuu keessattis anniisaa aduu gara anniisaa keemikaalaatti jijjiiruuf itti fayyada. Oksijiiniin akka oomisha cinaa tokkootti kan gadilakkifamu ta’u yoo ta’u, ifni adeemsa jariftina xumuruuf akka waan guddaatti ilaalama.
jariftini kan uumamu biqiltoonni anniisaa ifaatti fayyadamuun kaarboon daayi’oksaayidii fi bishaan gara gilukoosii fi oksijiiniitti yeroo jijjiiran dha. Baaloonni isaanii caamerqoota lubbiyyoo shifargaawoo ta’an kanneen caasmagarroo(chloroplast) jedhamuun beekaman of keessaa qabu.
Tokkoon tokkoon kilooroopilaastii halluu magariisa qabu kan magariisee jedhamu of keessaa qaba. Anniisaa ifa molakiyuulota kiloorofiiliin kan xuuxamu yoo ta’u, kaarboon daayi’oksaayidii fi oksijiiniin ammoo karaa qola xixiqqoo istoomaataa kanneen Iryandii(epidemis) baala keessatti argamaniin seenu.
Bu’aan cinaa jariftina kan biraan sukkaara akka gilukoosii fi firuktoosii ti.
Sukkaaroonni kunniin booda gara jirma, hidda, baala, firii, daraaraa fi sanyiitti ergamu. Kana jechuun sukkaaroonni kun biqiltoonni akka madda anniisaatti kan itti fayyadaman yoo ta’u, kunis akka guddatan isaan gargaara. Sana booda molakiyuulonni sukkaara kun walitti makamuun kaarboohayidireetii walxaxaa ta’e kan akka seeloosaafi istaarjii uumu. Seeluloosiin akka meeshaa caasaa dallaa lubbiyyoo biqiltootaa keessatti fayyadamutti ilaalama.