Sheekkoo
Afaan Oromoo From Wikipedia, the free encyclopedia
Remove ads
Sheekkoon ( Afaan Ingiliish: Fable; Sheeko Sheekkoo) gosa afoolaa keessaa tokko ta’ee falaasama bifa seenaan dubbii bineensotaa, meeshaa fi namaan safuu, naamuusaa fi wajjiin jireenya ijoollee kan ittiin barsiisaniidha. Sheekkoo abshaalummaa fi doofummaa, jaalalaa fi jibba, dabeessaa fi goota walbira qabanii ka gaarii ta’e ijoolleen addaan baaftee akka barattuuf gargaara.
Manguddoon sheekkoo kalaqanii ijoollee ittiin gorsu. Dabalataan ummatni Oromoo qorumsaa fi ilaalcha addunyaa kanaaf qabu kan ittin ibsatuudha. Akkasuma waan ifatti dubbachuun hin danda’amne fi dhorkame karaa dubbate dhimma itti ba'uudha.[1]
Remove ads
Gosoota sheekkoo
Sheekkoo dur-durii, sheekkoo ibsaa, sheekkoo seeneessaa fi sheekkoo bineensotaa jedhamuun sheekkoon bakka gurguddoo afuritti qoodama. Sheekkoo durduriin gootummaa fi ilaalcha bara dheeeraa dura waan ture kan ittiin himamudha. Sheekkoon kun durduri ykn bara duri jedheeti eegala. Sheekkoo ibsaan aadaa, amantaa, falaasama fi haalaa jireenya uummata sanaa ibsuudhaaf kan itti fayyadamnudha. Sheekkoo seenessaan namootaa fi gochoota bebbeekkamoo turan maqaa dhahuun kan akka asoosamaatti seeneessuudha. Sheekkoon bineensotaa immoo fakkii horii fi bineensota taatoota godhachuun kan dubbatamudha.
Remove ads
Kanas ilaali
Wabii
Wikiwand - on
Seamless Wikipedia browsing. On steroids.
Remove ads