Leishmaniasis

From Wikipedia, the free encyclopedia

Leishmaniasis

Leishmaniasis YKN leishmaniosis jechuun dhukkuba sababa prootozo’a paarasayitii sanyii Leishmania tiin dhufuu fi karaa hiddaa/ciniinnaa tisiisa ashawaa/sandflies daddarbuudha. [1] Dhukkubichii karaa sadiin jechuu: “cutaneous”, “mucocutaneous”, gosa “leishmaniasis” qaama keessaatin mul’ata YKN uummama. [1] Gosti inni “cutaneous” gogaa si’a orbobbeessu, gosti isa “mucocutaneous” gogaa dabalatee afani fi funyaan mammadeessa. Gosti inni qaama keessatti uummamuu immoo dura gogaa irraa eegalee booda hoo’ina qaamaa fida, seelii dhiiga diima gadii xiqqeessa, akkasumas rajiijji fi tiruun akka guddatu taasisa. [1][2]

Leishmaniasis
Qooqodama fi ooddefanoowan aalaa walqabatan
Thumb
Leishmaniasis
Cutaneous leishmaniasis in the hand of a Central American adult
ICD/CIM-10B55 B55
ICD/CIM-9085 085
DiseasesDB3266
MedlinePlus001386

ka’uumsa isaa fi qorannoo isaa

Dhukkubni kunkan namatti dhufu karaa Leishmania gosa 20 ol ta’aninii. [1] wantoonni balaa kana ammeessan: hiyyummaa, hanqina nyaataa, manca’iinsa bosonaa, fi babal’achuu magaalatii. [1] Dhukkubni gosa sadaniyyuu paarasayitii maaykiroskooppi dhaan ilaaludhan baramu/addaan ba’u. [1] Dabalataan, dukkuba isa qaama keessatti uumamu dhiiga qorachuudhaan bira qaqqabuun ni danda’ama. [2]

Ittisaa fi yalii

Dhukkubni “Leishmaniasis” amma tokko saaphana keemikaala farra bookee cuuphame jala rafuudhaan ittifamuu ni danda’a. [1] Tarkaanfiwwan ittisaa kaawwan keemikaala farr bookee biifu fi namoota dhukkubsatan dursanii yaaludhaan akka hin tamsaane ittisuudha. [1] Yaalin barbaaddamu dhukkubichii eessaa akka nama qabe, sanyii/gosa Leishmania, fi gosa dhukkubichaa irratti hundaa’a. [1] Qorichoonni dhukkuba isa qaama keessatiif oolan: liposomal amphotericin B,[3] walitti makaa pentavalentantimonials fi paromomycin,[3] fi miltefosine faa dabalata. [4] Dhukkuba gosa “cutaneous” tiif, paromomycin, fluconazole, yookin pentamidine fayyisuu danda’u. [5]

Tamsa’ina/facaatii Epidemiology

Namoonni gara miiliyoona 12 ta’an yeroo ammaa biyyoota 98 keessatti[6] miidhamanii argamu.[2] gara miiliyoona 2 kna ta’an haraa wayita ta’an[2] waggaa waggaatti kuma 20 anga kuma 50 kan ta’an immoo lubbuu isaanii dhabu.[1][7] Namoonnii miiliyoon 200  ta’an Asiya, Afrikaa, kibbaa fi wadhakkeessa Ameerikaa, fi kibba Awurooppaa keessaiitti iddoo dhukkuba kanaaf saaxilame jiraatu.[2][8] WorldDhaabbanni Fayyaa Addunyaa yaalii dhukkuba kanaatif jecha qorichoonni tokko tokko gatiin isaanii akka gadii bu’u tasiiseera. [2] Dhukkubni kun beeyledoota edduu kan akka saroota fi sanyiiwwan hantuuta faa qabuu danda’a.[1]

Maddawwan

Loading related searches...

Wikiwand - on

Seamless Wikipedia browsing. On steroids.