Kalee
From Wikipedia, the free encyclopedia
Kaleen (Afaaningiliiziin: Kidney) qaama lafee dugdaa keessatti argamu yoo ta'u, boca akka baaqelaa fi halluu diimaa-buraa'aa kan qabu yoo ta'u, dheerinni isaa gara metir-dhibbisee 12 ta'a. Kaleen dhiiga summii fi xurii nadheefaa irraa calaluu fi qulqulleessuuf itti gaafatamummaa qaba. Dhiigni karaa dhiigraabsituu kaleetiin kalee seenee karaa dhiigdeebistuu kaleettiin ba’a. Tokkoon tokkoon kalee xuruurinca(ureter), ujummoo fincaan gara afuuffee fincaanii geessuun walqabatee jira.Saayinsiin waayee kalee fi dhukkubota kalee qo'attu nephrology (nephro - kan Afaan Giriik nephros jedhamu irra dhufee kalee jechuu yoo ta'u renal jechuun immo Laatinii irra kan dhufee yoo ta'u renes jechuun kalee jechu dha.
Kaleen qabee dhangala’oo qaamaa adda addaa, madaallii dhangaggeefi beezii (pH), cuuqooma elektiroolayitii adda addaa fi summii balleessuu ni to’ata. Dhiiga kalee seenu keessaa tilmaamaan harka shan keessaa tokko ni calalama. Fakkeenyonni wantoota tiruu irraa gara dhiigaatti deebi’anii xuuxaman bishaan, soodiyemii, baaykaarbooneetii, gilukoosii fi amiinoo asiidota yoo ta’u, wantootni akka haayidiroojiinii, amooniyeemii fi dhangaggee yuuriik fincaan waliin kan baafaman ta’a.