![cover image](https://wikiwandv2-19431.kxcdn.com/_next/image?url=https://upload.wikimedia.org/wikipedia/commons/thumb/2/24/Red_White_Blood_cells.jpg/640px-Red_White_Blood_cells.jpg&w=640&q=50)
Dhiiga
From Wikipedia, the free encyclopedia
Dhiigni dhangala'aa qaama bineensotaa keessatti argamu kan wantoota barbaachisaa ta'an kan akka niwuutireentii fi ookisijiinii seelotaaf geessu fi akkasumas xurii yeroo meetaboolizimii ummamu seeliiraa guuree hoofu.
![Thumb image](http://upload.wikimedia.org/wikipedia/commons/thumb/2/24/Red_White_Blood_cells.jpg/320px-Red_White_Blood_cells.jpg)
![Thumb image](http://upload.wikimedia.org/wikipedia/commons/thumb/5/5a/Krew_Frakcjonowana.jpg/640px-Krew_Frakcjonowana.jpg)
![Thumb image](http://upload.wikimedia.org/wikipedia/commons/thumb/e/ec/Blutkreislauf.png/640px-Blutkreislauf.png)
Diimaa = kan oksijiinii qabu
Cuquliisa = kan oksijiinii hin qabne
![Thumb image](http://upload.wikimedia.org/wikipedia/commons/thumb/9/9a/Humanbood600x.jpg/220px-Humanbood600x.jpg)
![Thumb image](http://upload.wikimedia.org/wikipedia/commons/thumb/2/23/320frogblood600x2.jpg/220px-320frogblood600x2.jpg)
![Thumb image](http://upload.wikimedia.org/wikipedia/commons/thumb/a/ab/320fishblood600x2.jpg/220px-320fishblood600x2.jpg)
Bineensota lafee dugdaa qaban keessatti, dhiigni kan inni qabatu seelii dhiiga kan pilaasmaa dhiigaa kessatti qabamee jiru. Pilaasmaan, kan dhangala'aa dhiigaa keessaa 57% qabatu, irra caalaan isaa bishaan yoo ta'u(92%), dabalataan pirootiinii, giluukoosii, hormonii, ayonii albuudotaa (mineral ion), kaarbon daayi'oksaayidii fi seeloota dhiigaa mataasaanii qabata. Pirootiiniin pilaasmaa inni guddaan albumiin yoo ta'u faayidaan isaas dhiibbaa dhiigaa too'achuudha. Seelonni dhiigaa kan akka seelii dhiiga diimaa, fi seelii dhiiga adii of keessaa qaba; pilaatileetii fi luukossayitiis dabalate. Seeliin heddumminaan baayyatee dhiiga bineensota lafee dugdaa qaban keessatti argamu seelii dhiiga diimaati. Seelin dhiiga diimaa hemoogiloobiinii of kessaa qaba. Hemoogiloobiiniin pirootiinii ayirenii of keessaa qabu yoo ta'u ooksijiinii qaama keessaa deddeebisuuf tajaajila. Hemoogiloobiiniin ooksijiinii seelii isaatti qabsiisunii fi akka inni dhiiga keessatti makamu gochuun ooksijiinii qaama keessa facaasa. Karaa biraa, kaarbon daayi'oksaayidiin guutumaan guutummaatti seelin alatti pilaasmaa keessatti bulbulamee akka baayikaarboneet ayon (bicarbonate ion) socho'a.
Dhiigni bineensota lafee dugdaa qabanii bifti isaa yoo ookisijiinii qabaate diimaa ifaadha. Bineensonni tokko tokko, kan akka moloskootaa fi Kirastaashiyaan, ooksijiinii baachuuf heemoogiloobiinii odoo hin taane heemoosaayaninitti fayyadamu. Ilbiisonni fi moloskoonni tokko tokko dhiiga odoo hin taane dhangala'aa heemooliimfii jedhamu fayyadamu. Garaa garummaan isaanis heemooliimfiin sirna dhangala'aa cufamaa kessatti kan qabatame miti. Ilbiisota baayyee keessatti wanti akka dhiigaa kun molokiyuulii ooksijiinii baatu kan akka heemoogiloobiinii hin qabu sababiinsaas qaamni isaanii xiqqoo waan ta'eef qoonqoon/tiraakiyaan (trachea system) isaanii ooksijiinii dhiyeessuuf ga'aadha.
Bineensota lafee dugdaa qaban keessatti, sirna ittisaa kan seelii dhiiga adiirraatti hundaa'e qabu. Seelin dhiiga adii, qaamni dhukkubbaan akka hin qabamnee fi maxxantoota akka ofirraa ittisuuf garaara. Pilaatileetin dhiigni akka itituuf gargaara. Kunimmoo yeroo qaamni madaa'e, dhiigni baayyen akka hin dhangalaane dhorka. Aritiropoodonni, hemoolimfii kan qaban, qaama ittisaa isaanii keessaa hemoosaayitisii qabu.
Dhihigni onneedhaan dhiibbamuudhaan hidda dhiigaa hordofee qaama keessa tatamsa'a. Bineensota somba qaban keessatti, aarteroonni dhiiga ooksijiinii qabu tishuuwwaaniif yoo geessan, veenonnii ammoo kaarbon daayi'oksaayidii, kan yeroo meetaabolizimii ummamu, tishuuwwaniirraa guurani gara sombaa geessu.