Fayyisaa Leellisaa
Kadiir Abdullaxiif (Goonni Gosa Dhaala) / From Wikipedia, the free encyclopedia
Fayyisaa Leellisaa (1990 - ) atileetii fiigicha dheeraa fiigu yoo ta'u dhalataa Oromoo ti. Fayyisaan Oromiyaa Shawaa Dhihaa Aanaa Jalduu magaalaa Jalduu keessatti bara 1990 dhalate.
Fayyisaan dargaggeessa maraatoonii sa'aatii 2:06 gaditti fiigee kan jalqabaa yoo ta'u kanas kan fiige Maraatoonii Rooterdaam 2010 irratti. Sa'aatin inni galmeessise inni gaarin 2:04:52 yoo ta'u kunis namoota maraatoonii saffisaan fiigan kudhan keessaa tokko isa godha.
Fayyisaan dorgommii jalqaba godhen Maraatoonii Dabliin bara 2009 irratti injifate. Itti aanses bara 2010 Maraatoonii Addunyaalessaa Shiyaamen irratti injifate. Fayyisaan Maraatoonii Shaampiyoonaa Addunyaalessaa irratti bara 2011tti nahaasii yoo fudhatu Olompiikii Riyoo kan 2016 irraatti ammoo meetii injifate. Olompiikii Riyoo 2016 irrattii dorgommii guyyaa dhumaa geggeeffamerratti, Fayyisaan yeroo xumuru harkasaa walirra qaxxaamursuun deeggarsa fincila Oromootif qabu agarsiisee, ajjeechaa fi gidiraa uummata Oromoorra ga'u mormeera. Gara Itoophiyaatti yoo deebi'ee lubbuusaarra balaa ga'u sodaachun gara biyya biraan deema jedhee ibsa gaazzexeessitootaf kenne.
Ibsaa gaazzexeessitootaf kenneenis akkas jedhe "Mootummaan Itoophiyaa uummataa koo ajjeesaa jira, kanaafis uummata koo wajjinan dhaabbadha. Maatin koo mana hidhaa keessa jiru, namoonni waa'ee dimookiraasii dubbatan ni ajjeefamu" [1][2]