Biiftuu
From Wikipedia, the free encyclopedia
Biiftuun urjii Kubbaa ykn geengoo pilaasmaa ho'aa sirnaawaa jechuuniin ni danda'ama dha. Innis wirtuu sirna biiftuu keessatti kan argamu fi hanga sirnichaa keessaa dhibbaatama 99.9 qabata. Biiftuun urjii hanga giddu-galeessa qabdu dha. Urjiilee baay’ee guddoon hanga harka dhibbaan caalu yoo qabaatan, kanneen baay’ee xiqqoo ta’an immoo, hanga harka kudhaniin xiqqaa ta’e qabu. Ho’a fi ifti nuyi biiftuu irraa argannu hundinuu kan dhufan, bu’ura biiftuu bakka qaanquumaan haayidiroojini itti raawwatu dha. Tempireecharri wirtuu biiftuu digirii seelshiyesii kitila(million) 15 dha. Dirreen maagineetii biiftuu, taatewwan hedduun akka ijoobiiftuu, banbanaa, bubbeewwan, fi oyrooraa babbareedoon lafarratti akka uumaman kan taasisu dha.
Raadiyaasiin Biiftuu gara 695,000 kilometers (432,000 miles), ykn kan lafaa dachaa 109 ta'a. Ulfaatina isaa gara dachaa 330,000 kan lafaa yoo ta'u, ulfaatina waliigalaa Sirna Aduu keessaa gara %99.86 of keessaa qaba. Tilmaamaan harki sadii ulfaatina Biiftuu haayidiroojiinii (~73%) of keessaa qaba; kan hafe irra caalaa heeliyeemii (~25%) yoo ta'u, elementoota ulfaatoo baay'ee xiqqaa ta'an, oksijiinii, kaarboonii, ni'oonii fi Ayiranii dabalatee.