Baakteeriyaa(Bacteria)
From Wikipedia, the free encyclopedia
Baakteeriyaan ykn merqaan orgaaniziimii seelii tokko qofa irraa kan ijaaraman dha. Baakteriyaan ija uumamaan mul’achuu hin dandeessu yoo shifargaan ta’e malee. Baakteeriyaan lubbiyyoo(cell) pirookaaryootaa/wirmaatsoboo/ dha. lubbiyyoon pirookaaryootaa caasaa alaa: siqixa, piilii/Dabbassee/, haguuggee, uwwisa lubbiyyoo: cichaa lubbiyyoo fi sabaga Lubbiyyoo fi caasaa keessaa: raayiboosoomii(horataa prootinii), dhangala’oo saayitoopilaazimii, niwukilootaayidii/kiroomoozoomii fi kkf qaba. lubbiyyoon baakteeriyaa, seeloota kan biroo irra hamman baayyee xiqqadha.lubbiyyoon baakteeriyaa pirookaariyoota yeroo ta'u, baay'inni lubbiyyoo isaa tokko qofa. Kanaafuu, baakteeriyaan orgaanizimii seel-qeenxee ykn Baaqlubbiiyyoo jedhama. Baakteeriyaan niwukilaasii(wirmaata) hin qindoomne fi memberenii niwukilarii(sabaga ykn haguuggii wirmaataa) hin qaban. Kana jechuun kiromoozomiin baakteriyaa saayitoopilaazimii(Manlubbiyyoo ykn kalloo Areeroo) keessatti faffaca'anii argamu jechuudha. Baakteeriyaan kutaalee luubiiyyoo laayisoosomii(diggaayya), dhaqna goljii fi maayitookondoriyaa(caasumnee) hin qaban.Baakteeriyaan hundi cichaa lubbiyyoo, membireenii seelii( sabaga Lubbiyyoo, saayitopilaasmii(Kalloo Areeroo), wantoota dhalsanyaawaa (DNA fi RNA) fi raayiboosomii qabu.
Baakteeriyaan bakka hunda jiraatu. Baakteeriyaan biyyee, galaana, garba, qilleensa, hiddabiqiltootaa, qaama orgaanizimoota keessa jiraatu. Akkasumas, qaama ala orgaanizimootairra jiraatu.