From Wikipedia, the free encyclopedia
Tokkummaa Biyya Mootii Biritaayinii Gudditti fi Ayarlaandii Kaabaa, yeroo baayyee Tokkummmaa Biyya (UK) ykn Biriteen jedhamuun kan beekamtu yoo ta'u, saba abbaa biyyummaa qabdu qarqara galaanaa Kaaba-Lixa Awurooppaatti argamtudha. Yunaayitid Kingidam odola tokko of keessaa qabdi. Biriteen Guddittii, kutaa kaaba bahaa odola Ayerlaandi fi odola xixiqqoo hedduu Odolawwan Biriteen keessa jiran. Kaaba Ayerlaand daangaa lafaa Rippabiliika Ayerlaandi waliin qooddatti. TBn karaa biraatiin Galaana Atlaantiiktiin kan marfamte yoo ta'u, gara bahaatiin Galaanni Kaabaa, gara kibbaatti Chaanaalii Ingilizii, gara kibba-dhihaatti ammoo Galaanni Seeltik kan argamtu yoo ta'u, qarqara galaanaa dheeraa addunyaa irratti sadarkaa 12ffaa irratti argamti. Galaanni Aayilaandi Biriteen Guddittii fi Ayerlaandi addaan baasa. Bal'inni lafaa waliigalaa Yunaayitid Kingidam iskuweer maayilii 93,628 (242,500 km) yoo ta'u, bara 2020tti tilmaamaan baay'inni ummataa miliyoona 67 ta'a.
United Kingdom of Great Britain and Northern Ireland Tokkummaa Biyya Mootii Biritaayinii Gudditti fi Ayarlaandii Kaabaa | ||||||
---|---|---|---|---|---|---|
| ||||||
Faaruu Biyyoolessaa: "God Save the King" | ||||||
Magaalmata | Landon | |||||
Afaan Mootummaa | Afaan English | |||||
Mootummaa Mootii Ministeera mummee |
Sirna mootummaa gonfoo paarlaamaawaa Charles sadaffaa (Charles III) Keir Starmer | |||||
Baliina Lafaa (Km2)
|
244,820 (75ffaa) 1.34 | |||||
Baayina Ummataa Akka tilmaama Bara 2016 A.L.A |
65,648,000 (22ffaa) | |||||
Maalaqa | Pound | |||||
Godina Yeroo | UTC +0 | |||||
Lakk. duree Bilbilaa | +44 |
Seamless Wikipedia browsing. On steroids.
Every time you click a link to Wikipedia, Wiktionary or Wikiquote in your browser's search results, it will show the modern Wikiwand interface.
Wikiwand extension is a five stars, simple, with minimum permission required to keep your browsing private, safe and transparent.