From Wikipedia, the free encyclopedia
Waliin leeya (Symbiosis) jechuun micirjirtii adda addaa lama ykn lubbu qabeeyyii gosa adda addaa keessaa walitti dhufeenya dhiyoo ta’e agarsiisa.
Waliin leeyni (Symbiosis) hariiroo orgaanizimoota lama gidduu jiruudha. Hariiroo waliin leeya keessatti amala gosa sadiitu jira,
isaanis:
Wal-utubbii keessatti yeroo baay’ee sanyiiwwan lamaan walitti dhiyeenyaan ykn dhaabbiin waliin jiraatu. Sanyiin waliin jiraatan lamaanuu walirraa fayyadamu. Altokko tokko jireenyi sanyii lamaanii wal irratti kan hundaa’u (interdependent) ta’uu irraa kan ka’e kopha kophaa bahanii jiraachuu hin danda’an.
Fakkenya walutubbii
Hariiroo walutubbii bineeldoota fi biqiltoota gidduutti uumamu:Hariiroo kun ilbiisootafi daraaraa gidduutti kan mul’atu dha. Ilbiisoonni kan akka kanniisotaa fi bilaachawwaniidhangala’oo daraaraa xuuxxachuu irratti bobba’u. Ilbiisoonni kun nadhii daraaraa xuuxxachuuf jecha daraaraawwan biqiltoota adda addaa irra qubatu. Yommuu kannatti darbuukiiwwan (poolenoota) daraaraa biqiltuu tokko irraa gara biqiltuu biraatti geessu. Haalli kunis,darbuukiissuu (poolineeshinii)f mijaawaa ta’a jechuudha. Biqiltoonni daraaraa hedduun ilbiisotaan adeemsa darbuukiissuu (poolineeshinii) gaggeessu. Kanaafuu, ilbiisoonni fi biqiltoonni hariiroo kanarraabu’aa ni argatu jechuudha.
Hariiroo walutubbii fangasootaa fi saaphaphuu gidduutti uumamu:-Arriin dhagaa walutubbii fangasii fi saaphaphuu gidduutti uumamu yoota’u, lubbuqabeeyyii lamaan walirraa faayidaa argatu. Hariiroo kana keessatti saaphaphuun halluu magariisa waanqabaniif nyaata qopheessuu ni danda’u. Fangasoonni immoo bakka jireenyaa ta’uun akkasumas, bishaan nyaanni ittiin qophaa’u dhiyeessu.
Hariiroo walutubbii baakteeriyaa fi beeladoota alal-dhaheeyyii gidduutti uumamu:-lubbuqabeeyyii soorattoo margaa kanneen alala guuran seeluuloosii marga keessa jirubulleessuu hin danda’an. Sababni isaas inzaayimii seeluuloosii bulleessu maddisiisuuwaan hin dandeenyeef dha. Kanaafuu, gargaarsa baakteeriyaa barbaadu. Baakteeriyaangaraacha alala guurtotaa keessa jiraatan immoo inzaayimii seluuloosii bulleessuudanda’u burqisiisuu. Baakteeriyaan bakka jireenyaa fi soorata alala guurtoota irraa argatu.Kanaafuu, baakteeriyaani fi alala guurtoonni lamaanuu bu’aa walirraa argatu.
waljirrachisni baaqee ykn dhiyaanwalummaa (Ingiliffan:Commensalism) hariiroo sanyii adda addaa gidduu ta’ee kan sanyiin tokko fayyadamaa ta’ee inni biraa garuu kan hin fayyadamnee fi hin miidhamnee dha. Fakkeenyaaf, qurxummii xiqqaan Riimooraa jedhamu qurxummii shaarkii jedhamu jalatti qabatee haftee nyaata shaarkii soorata. Shaarkii irra miidhaan gahu kan hin jirre yoo ta’u faayidaan inni argatus hin jiru. Riimooraan garuu fayyadamaadha. Allaattiiwwan loon jala adeemuun yeroo loon marga dheedan ilbiisoota marga keessaa yaa’an sooratu. Loon irraa miidhaan qaqqabu hin jiru; bu’aas hin argatan. Allaattonni garuu fayyadamtootadha. Simbirroonni muka irratti man’ee isaanii ijaarrachuun fayyadamu, mukti garuu fayyadaa argatus ta’e miidhaan irra gahus hin qabu.
Seamless Wikipedia browsing. On steroids.
Every time you click a link to Wikipedia, Wiktionary or Wikiquote in your browser's search results, it will show the modern Wikiwand interface.
Wikiwand extension is a five stars, simple, with minimum permission required to keep your browsing private, safe and transparent.