Pilaaneetoota

From Wikipedia, the free encyclopedia

Pilaaneetoota

Jechii "Planet" jedhuu jecha greek " planḗtai" irraa kan dhufee yoo ta'uu hiiknisaas"jooraa" jechuudha kana bu'uureffachuuniis jechii "planet" jedhuu uu ta’an lafjooleen akka orbiitii isaanii osoo gadi hindhiisin biiftuu naanna’an gargaara. Lafjooleen ifa mataa isaanii hin qaban. Garuu ifa biiftuu irraa argatan calaqqisiisuu danda’u. Lafjoolee keessaa Veenusii (bakkalcha) malee kan hafan ijaan urjiilee biroo irraa gargar baasuun arguun rakkisaadha. Bakkalcha ganamaafi galgala ijaan ilaallee urjiilee biraa irraa adda baasuun nidanda’ama. Pilaanetootaafi urjiilee gargar baasanii beekuuf meeshaa teleeskooppii jedhamutti fayyadaman.

Thumb
Juupitaar, lafjoo guddaa gaazii fi lafjoo guddaa sirna aduu keessatti beekamtu.

Bakkallee Cuggee (dwarf planets)

Thumb
Fakkiin Eris, pilaaneetii xiqqaa beekamaa ta'e agarsiisa.

yeroo ammaatti Lafjoo xixiqqoo jalatti ramadamanii kan beekaman shaniidha. Isaanis; seerees, puluutoo, haawmiyaa, makmakeefi eeris jedhamuun waamamu. Seerees kan argamu gidduu maarsii fi juuppitariitti sabbata astirooyidii(Bungulkattaa) keessatti yoo ta’u, kan hafan afran immoo neeptuuniin boodatti aduurraa fagaatanii argamu. Wantoon tokko lafjoolee xixiqqoo jedhamuuf ulaagaan waldaa astiroonoomii addunyaa kaahe guutuu qabu. Ulaagaaleen kunniin;

• Aduurra naanna’uu qabu,

• Hanga boca isaanii murteessuu danda’u kan qaban,

• Jeema mataa ofii murtaa’aa ta’e kan hin qabneefi

• Addeessota kan hin ta’iniidha.

Seerees

Diyaameetiriin ishee 950km.Teempireecharri dirra seerees -105o C

Pilaaneetii diwaarfii aduutti hiiqxee argamtuudha.

• Addeessa hin qabdu.

• Altokko aduurra naanna’uuf waggoota 4.6 itti fudhata.

• Lafjoo xixiqqaa yeroo jalqabaaf Doonii hawaa keessa adeemuun daawwatamteedha. • Seerees sakondii tokkotti hanga ishee keessaa 6kg sababa hurkaatiin dhabdi. • Hanga sabbata astirooyidii keessaa tokko sadaffaa gumaachiti.

Wikiwand in your browser!

Seamless Wikipedia browsing. On steroids.

Every time you click a link to Wikipedia, Wiktionary or Wikiquote in your browser's search results, it will show the modern Wikiwand interface.

Wikiwand extension is a five stars, simple, with minimum permission required to keep your browsing private, safe and transparent.