Godinni Gujii Dhihaa (yookaan Godina Gujii Lixaa) Godinoota naannoo Oromiyaa keessaa isa tokko dha.
Godinnichi bara 2009 Aanaalee 9 fi magaalota 2 godinoota laman Godina Gujii fi Godina Booranaa irraa walitti makamaniin kan hundeeffameedha. Godinni Gujii Lixaa magaloota sadarkaa addaa addaa irra jiran 24 fi gandootaa baadiyyaa 166 kan qabu yommuu ta’u kana keessa gandi 133 qonnaan bulaa 33 immoo Gandota Horsiisee Bulaa dha. Godinnichi Kallattii Bahaan Godina Gujii, dhihaan(lixaan) Mootummaa Ummattoota Kibbaa Godina saganii, kaabaan mootummaa naannoo Ummattoota kibbaa Godina Gedi’oo fi naannoo Sidaamaa, kibbaan immoo Godina Booranaatiin Daangeeffamee. Magallii Guddoon Godinnicha Bulee Horaan finfinnee irraa 467km fagaattee argamti.
Namoonni HAADHA MANAA isaanii waliin walqunnamtii
saalaa jalqabuuf utuu jedhanii, utuu qunnaamtii hin godhiin
jalaa qaamni kormaa dhangala’u ykn eegalanii daqiiqaa 1
gaditti xumuran rakkoo kana qabu jedhamee yaadama.
Waanti kun takkaa yoo nama qabate waan nama hin
gadhiifne yokaan nama waliin hafu miti. Waqxii tokkoof
nama mudatee baduus danda’a, namoota tokko
tokkorrammoo turuu danda’a.
Dhibee kana kan fidu kana jedhamee quba itti qabamee
adda baafamuu baatus kanneen armaan gadii waliin ta’anii
harka keessaa qabu.
1. Dhiphina/muddama sammuu (stress)
2. Yeroo hedduu garmalee gadduu (depression)
3. Sodaan walqunnaamtii saalaa hin danda’u jedhu dursee
sammuu keessa jiraachuu.
4. Miira balleessaa qabaachuu (guilt) namatti dhaga’amuu
5. Rakkoon hariiroo jaalalaa (relation ship) jiraachuu.
AKKAMIIN OFGARGAARUU DANDEENYA?
Namoota rakkoo kana qaban keessaa 95% osoo qoricha
mana yaalaa hin barbaadiin maloota armaan gadii kana
keessaa kan isaaniif ta’u fayyadamanii dhibee kana ofirraa
balleessu.
1. Afuura dheeraa (deap breath ) fudhachuu. Yoo
xixiqqeessanii afuura baafatan gara dafanii sanyii kormaa
dhangalaasuutti geessa.
2. Qofaatti shaakaluu. Kun mala tuttuquu (masturbation)
fayyadamuun yoo sanyiin kormaa dhangala’uuf jedhu
gidduutti dhaabuudha. Ammas irra deddeebi’anii
hojjachuudhaan of shaakalsiisuudha. Yoo kana godhanyoo
qaamaan haadha manaa yokaan jaalallee isaanii bira
deeman illee qabachuu danda’an.
3. Yoo qunnaamtii saalaa godhan yoo miirri olka’ee
sanyiin kormaa dhangala’uuf jedhu bakka qaamni saalaa
dhiiraa (penis) qaamarraa itti ka’u jalaaan jabeessanii gadi
qabuu (Squeezing) akka dafee hin dhangalaane gargaara.
Kanas qofaa ofii shaakaluun gaariidha.
4. Yoo qunnaamtii saalaa goodhamu guutummaa guutuutti
yaada keenya qaama saalaa keenyarra kaa’uu dhiifnee
bakka biraa yaadaa raawwachuun hedduu gargaara.
5. Jarjaruu fi ariifannaa, sodaa fi miirota kana fakkaatan
haga dandeenye ofirraa fageessuu qabna.
6. Namootni walqunnaamtii saalaa yeroo dheeraaf hin
godhiin yoo turan waan kun akka mudatu ni taasisa.
Akkuma deddeebineen raawwanneen garuu fooyya’aa
deema.
7. Yoo qunnaamtii saalaa goonu akkuma miirri olka’aa
deemee gara dhangala’uutti dhiyaateen sochii gadi
xiqqeessuudha. Yoo garmalee sosocho’an dafee akka
dhangala’u waan taasisuuf.
Fayyaan faaya
Dhibee Wal qunnamtii Saalaa Dafanii Xumuruu
Faayidaa Timiraa
Mallattoo Dhukkuba Kalee fi Wantoota Gochuu Qabnu
Mallattolee Dadhabuu Onnee
Dhiita'uu Qaama Saala Dhiiraa(Varicocele)fi Mallatto Isaa
Haphachuu Rifeensaa Akkamiin Ittisuu Dandeenya?
Mallattoo, Ka'umsaa fi Furmaata Hir'ina Dhiigaa
Dhukkuba Huuba Qoonqoo/Toonsilii
Faayidaa Jinjibilli Qabu