Tiraanzisterii
From Wikipedia, the free encyclopedia
Tiraanzisteriin meeshaa semiikondaakterii asattoo fi humna elektirkii guddisuu fi dabarsuu/dhorkuu too'achuuf tajaajilu dha. Tiraanzisteriin meeshaa semiikondaakterii irraa kan hojjatame yoo ta'u yoo xiqqaate tarminaalii sadi'i kan sarkiyuutii alaatti ittiin qabachuuf gargaaru qaba. Voolteejiin ykn karantiin tarminaalii tiraanzisterii cimdii tokkotti kenname, yaa'a karantii tarminaalii cimdii kan biraa gidduu jiruun ni jijjiirama. Humni too'atmaan (baha tiraanzisterii) humna too'atu (naqa tiraanzisterii) caaluu waan danda'uuf, tiraanzisteriin asattoo guddisuu danda'a. Yeroo ammaa, tiraanzisteroonni muraasni kobaa qarqabamu, garuu baayyen isaanii integireetid sarkiyuutii keessatti hammatamanii argamu.
Tiraanzisteriin bu'uuraa meeshaalee elektirooniksii ammayyaa ti, akkasumas sirna elektiroonikii ammayyaa hunda keessatti argamu. Tiraanzisteriin bara 1947, fiizisistii USA Joon Bardiin, Waalter Biratayin, fi Wiiliyaam Shookileetin kalaqame; tiraanzisteriin seenaa elektironniksii guutumaan guutuutti jijjiire, raadiyoo, kaalkuleeterii, fi kompitara xixxiqqoo fi bushoo ta'an oomishuuf karaa bane. Tiraanzisteriin tarree IEEE tarkaanfii elektirooniksii keessa jira, akkasumas kalaqxoonni tiraanzisterii hojjatan Badhaasa Noobeli kan Fiiziksii kan bara 1956 argataniiru.