Sirna Diriiroo Ko’oordineetotaa
From Wikipedia, the free encyclopedia
Ji'oomeetirii keessatti Sirni Diriiroo Ko’oordineetotaa ykn Sirni Diriiroo Sarara qindaa'aa bakka tuqaa kamiyyuu barbaaduuf kan gargaaru yoo ta’u qabxiin sun akka lamaan tartiiba qabuutti (x, y) Qindeessitoota jedhamuun beekamutti pilaantii gochuun ni danda’ama. Sararri lakkoofsaa diriiraa siiqqeewwan X yoo ta’u sararri lakkoofsa dhaabbataa siiqqeewwan Y jedhama yoo ta’u qabxiin walqaxxaamuraa siiqqeewwan kana lamaan hadhuura jedhamuun kan beekamu yoo ta’u ‘O’ jedhamee kan agarsiifamudha.