Qirmbisni (diffusion) jechuun sochii gaasotaa bakka baay’inaan jiran irraa gara bakka muraasaa ta’anii jiraniitti deeman jechuudha. Fakkeenyaaf cobni xiqqoon wanta foolii qabu tokkoo, kutaa bal’aa tokko keessatti yoo cobsame fooliin isaa battaluma kuticha keessa tamsa’ee walga’a. Kunis cobni dhangala’ichaa gara hurkaatti waan jijjiiramuufiidha. Jecha gara biraatiin suudoowwan xixiqqoon coba dhangala’ichaa keessa jiran daree keessa waan tamsa’aniifiidha.Suudoowwan xixiqqoon coba dhangala’ichaa keessa turaniifi suudoowwan xixxiqqoon yommuu dhangala’ichi gara hurkaatti jijjiiramu hurkicha keessatti argaman tokkuma. Sababa kanaaaf, fooliin dhangala’ichaafi hurkichaa tokko ta’a. Suudoowwan kunniin baay’ee xixxiqqoo waan ta’aniif ijaan arguu hin dandeenyu. Haa ta’u malee kuticha keessa jiraachuu isaanii foolii isaaniitiin beekuun ni danda’ama. Taateen kunis kan agarsiisu, suudoowwan fooliif sababa ta’an baay’ee xixxiqqoo ta’uu isaaniitiifi copha tokko keessatti hedduun isaanii akka argamaniidha.

Thumb
Particles tokko tokko bishaan koochoo tokko keessatti ni bulbulamu . Jalqaba irratti, paartiikiliin hundi naannoo golee gubbaa tokkoo geelaatti argamu. Yoo paartiikiliin bishaan keessatti akka tasaa naanna'an ("diffuse") ta'e, dhuma irratti naannoo qindoomina olaanaa irraa gara naannoo gadi aanaatti akka tasaa fi walfakkaataan raabsamu, fi gurmaa'u (faca'iinsi itti fufa, garuu dhangala'aa qulqulluu hin qabu ).

Wikiwand in your browser!

Seamless Wikipedia browsing. On steroids.

Every time you click a link to Wikipedia, Wiktionary or Wikiquote in your browser's search results, it will show the modern Wikiwand interface.

Wikiwand extension is a five stars, simple, with minimum permission required to keep your browsing private, safe and transparent.