Meeshaalee Niwuukilaaraa
From Wikipedia, the free encyclopedia
Meeshaan waraanaa niwuukilaaraa dhuka'aa humna isaa ri'aakshinii niwuukilaariiraa argatu yoo ta'u kunis fishiiniii ykn walitti makaa fiyuuzyinii fi fishiinii ta'uu danda'a. Ri'aakshiniin lamaanuu dhuka'aa xiqoorraa humna guddaa uuma. Boombiin fishiinii (boombii atoomikii) kan jalqabaa yeroo dhukaafame humna hanga boombiin TNT toonii 20,000 t'au yoo dhuka'e baasu uume. Boombiin termooniwuukilaaraa (boombii hayidiroojinii) kan jalqabaa yeroo dhukaafame humna hanga boombin TNT toonii 10,000,000 t'au yoo dhuka'e baasu uume.
Meeshaan waraanaa termooniwuukilaaraa kan kg 1,100 ulfaatu yoo dhuka'e humna hanga boombiin TNT toonii miliyoona 1.2 ol ta'u yoo dhuka'e uumun qixxee uuma. Kanaafuu, meeshaaleen waraana xixiqqoon kan boombii durii hin caalle magaalaa tokko guutummaatti balleessuu danda'a; badiin kunis kan ga'u humna dhuka'aatin, ibidda uummamuu fi raadiyeeshinii ummamuun ta'a. Meeshaalen waraanaa niwuukilaaraa meeshaa jamaa balleessuu jalatti qooddama; kanaaf faayyadamni isaanii fi too'annoon isaanirratti godhamu xiyyeeffannoo walitti dhufeenya biyyoota murteessu ture.
Meeshaaleen waraanaa niwuukilaaraa Waraana Addunyaa 2ffaatti si'a lama hojiirra kan oolan yoo ta'u yeroo lamaanuu kan itti fayyadame USA dha. Gaafa Hagayya 6, 1945, boombiin niwuukilaaraa kan yuraaniyeemiirraa hojjatame kan maqaansaa "Little boy" (hiikaansaa mucaa xiqqaa jechuudha) jedhamu biyya Jaappaan magaalaa Hirooshimaarratti darbatame. Guyyaa sadi'i booddee, gaafa Hagayya 9, boombiin niwuukilaaraa kan piluutooniyeemiirraa hojjatame kan maqaansaa "Fat man" jedhamu magalaa Jaappaan kan biraa kan taate Nagaasaakirratti darbatame. Boombiwwan kun lamaansaanii tilmaamaan ummata naannoo 200,000 ta'u, bayyeensaanii ummataa nagaa kan loltuu hin taane, ajjeese. Shoorri boombiwwan kun lamaan Jaappaan akka harka kennattuuf tabatanii fi itiiksiin (ethics) fayyadama isaanii hanga harraatti beektotaa fi ummata biratti mataduree moormii ti.
Erga Hirooshimaa fi Nagaasaakin rukutamanii booda, meeshaalen waraanaa niwuukilaaraa wayita kuma lamaa ol yaalii fi agarsiisaaf dhukaafamaniiru. Addunyaarratti biyyoota muraasa qofatu meeshaa waraanaa niwuukilaaraa kana qaba ykn qabaachuuf hawwa. Biyyoonni meeshaa kana dhukaasuun isaanii beekkamee fi qabaachuu isaani ifa baasanii beeksisan USA, Tokkummaa Sooviyeetii (ammammoo Raashiyaa), Yunaayitid Kingidem, Firaansi, Chaayinaa, Indiyaa, Paakistaan, fi Kooriyaa Kaabaati. Isiraa'eel meeshaa kana qabdi jedhamee kan amanamu yoo ta'u biyyittiin garuu qabaachuu ishii ifatti hin beeksifne. Afrikaan Kibbaa, meeshaa waraanaa niwuukilaaraa kana oomishtee kan turte yoo ta'u erga sirni appaartaayidii kufee booda meeshaa kan balleessitee jirti, itti aansunis waliigaltee meeshaalen niwuukilaaraa akka hin baballanne godhu kan 'Nuclear Non-Proliferation Treaty' jedhamu keessatti miseensa taateerti. Akka Federeeshinii saayintistoota Ameerikaa tilmaametti, walumaagalatti addunyaarra bara 2012tti meeshaalen niwuukilaaraa 17,000 ta'u kan argamu yoo ta'u kana keessaa kan 4,300 ta'an waraanaaf qophii ta'anii kan taa'anidha.