![cover image](https://wikiwandv2-19431.kxcdn.com/_next/image?url=https://upload.wikimedia.org/wikipedia/commons/thumb/4/4e/Liger.jpg/640px-Liger.jpg&w=640&q=50)
Lerransa
From Wikipedia, the free encyclopedia
Lerransa (Afaan Ingiliziin:Liger)uumama leenca kormaatii fi qeerransa dhaltuu irraa argamuudha. maqaa isaa jechoota Leencafi Qerrensa jedhu walitti fiduudhaan, Lerransa jedhanii itti moggaasan.
?Lerransa | ||||||||||||||
---|---|---|---|---|---|---|---|---|---|---|---|---|---|---|
![]() | ||||||||||||||
odeeffannoo saayinsaawaa | ||||||||||||||
| ||||||||||||||
Lerransi Sanyiiwwan Adurree bosona keessa jiraatan jidduu isa guddaa dha. Leencaa fi Qeerransi qubsuma garagaraa keessa waan jiraataniif, bosona keessatti uumama Lerransa kana argachuun hin danda’amu. Bineensa kana Booroo Binoo (paarkii) qofa keessatti arganna. Gogaa isaa irraa rifeensa keelloo gara gurraachatti dhihaatu kan qabu yoo ta’u, dabalataan bifa haadhaa sarara barru gogaa irraa qaba. Warri dhiiraa ammoo akkuma leencaa morma isaanii irraa rifeensa guddaa areeda fakkaatu qabu. Haa ta’u malee kormaan hundi rifeensa kana hin qaban. Gariin isaanii akkuma dhaltuu rifeensa ofirraa hin qaban.