![cover image](https://wikiwandv2-19431.kxcdn.com/_next/image?url=https://upload.wikimedia.org/wikipedia/commons/thumb/4/4d/Ionic_Bond_1.gif/640px-Ionic_Bond_1.gif&w=640&q=50)
Hidhoo ayoonii
From Wikipedia, the free encyclopedia
Hidhoon ayoonii ykn hidhoon guuttiiqaa(Ioinic bond) hidhoo atoomota ykn buxussuuddoowwanii elementoota ykn wahiyyoo lamaa gidduutti yeroo kompaawundii ykn simni keemikaalaa uumuun uumamudha . suddoon wahiyyoo tokkoo elektiroonii atoomii elementii biraatiif yeroo arjoomu ykn kennu kompaawundii uumuu sun Hidhoo ayoonii ykn guuttiiqaa jedhama.
![Thumb image](http://upload.wikimedia.org/wikipedia/commons/4/4d/Ionic_Bond_1.gif)
Fakkeenyaaf, elementoonni soodiyemii (Na) fi kilooriinii (Cl) yeroo walnyaatinsa gaggessan soogidda /Ashaboo Nyaataa uuman, elektirooniin tokko atoomii soodiyemii keessaa gad-dhiifamee/gad-lakkisuun suudichi pozaatiivii ta’ee, kaataayoonii jedhama. Garuu atoomiin kilooriinii elektiroonii waan fudhateef negaatiivii dha. kanaafuu kun immoo anaayoonii jedhama . Amma hidhni ayoonii lamaan gidduu jiru akka maagneetii pozaatiivii fi negaatiivii gidduutti hojjeta; Soogidda dha.