![cover image](https://wikiwandv2-19431.kxcdn.com/_next/image?url=https://upload.wikimedia.org/wikipedia/commons/thumb/5/55/Pollination_Diagram.svg/langom-640px-Pollination_Diagram.svg.png&w=640&q=50)
Habareessuu(Pollination)
From Wikipedia, the free encyclopedia
Biqiltoonni daraaraa sanyii fi firii godhachuuf jalqaba habareen(nadhii daraaraan) qaama kormaa irraa gara istiigimaatti darbuun barbaachisaa dha. Adeemsi habareen qaama daraaraa kormaa (antarii) irraa gara qaama daraaraa dhalaatti darbu Darbuukeessuu(habareessuu) jedhama. Biqltootni daraaraa gosa habareessuu lama qabu.
![Thumb image](http://upload.wikimedia.org/wikipedia/commons/thumb/5/55/Pollination_Diagram.svg/320px-Pollination_Diagram.svg.png)
![Thumb image](http://upload.wikimedia.org/wikipedia/commons/thumb/0/05/Bee_carpenter_with_pollen.jpg/640px-Bee_carpenter_with_pollen.jpg)
Isaanis: of-habareessuu fi habareessuu alagaati.
Of-Poolineessuu ykn of-habareessuu: Adeemsa kanaan habareen daraaraa kormaa (antarii) biqilaa tokko irraa ka’uun gara istiigimaa ofii isa irratti darba. habareessuu gosa akkasii kun sanyiin biqilaa daraaraa tokko kan biroo waliin osoo walitti hin makamiin akka itti fufu taasisa. Biqiltoota haala kanaan wal-horaniif baaqelaa, jirbii fi suufiin fakkeenya ta’uu danda’u.
Poolineessuu alagaa ykn habareessuu alagaa: habareessuun alagaa, adeemsa habareen qaama daraaraa kormaa biqilaa tokko irraa gara qaama daraaraa dhalaa biqilaa biraa kan sanyii akaakuu tokkootti darbuu dha. habareessuu gosa akkanaatiif poolineessitonni barbaachiisoo dha. Fakkeenyaaf qilleensa, bishaanii fi bineeldota.