From Wikipedia, the free encyclopedia
Herrega keessatti geengoon gosa addaa luggee(ellipse) kan jallina zeeroo ta’ee fi qaatiilee lamaan wal-fakkaatan dha.
Tuqaan kenname handhuura geegoo jedhama. Danaa kana irratti tuqaan O handhuura geengooti. Fageenyi handhuuraafi tuqaa geengoo gidduu jiru kamiyyuu Wiifa/sarxee(radius) jedhama. Yeroo baay’ee, wiifni lakkoofsa eeyyentaa ta’uu qaba.Sararri dhaabbataan handhuura geengoo keessa darbuun tuqaalee geengoo lama irraa kamiyyuu walqabsiisu fullata(Diameter) geengoo jedhama. Sararri dhaabbataan tuqaalee geengoo irraa lama kamiyyuu walqabsiisu sarbii(chord) geengoo jedhama.
Geengoon danaa garlamee cufame kan tuuta tuqaawwan hunda diriiroo keessa jiran tuqaa kenname “hundhuura” jedhamu irraa walqixa fageenya qabu dha. Sararri geengoo keessa darbu hundi sarara dacha'oo uuma. Akkasumas, kofa hundaaf naannoo giddugaleessaatti dacha'oo naanneffamuu qaba. Foormulaan geengoo diriiroo keessa jiru akka armaan gadiitti kennama:
(x-h)^2 + (y-k)^2 = r^2
(x,y) qabxiilee cimdii tartii
(h,k) cimdii tartii handhuura geengoofi
r wiifa geengoo ti.
Geengoon bakka fi amaloota isaanii irratti hundaa’uun kutaalee adda addaa qaba. Kutaaleen geengoo adda addaa akka armaan gadiitti bal’inaan ibsamaniiru.
Seamless Wikipedia browsing. On steroids.
Every time you click a link to Wikipedia, Wiktionary or Wikiquote in your browser's search results, it will show the modern Wikiwand interface.
Wikiwand extension is a five stars, simple, with minimum permission required to keep your browsing private, safe and transparent.