Fiiziyoloojii(xinqaama)
From Wikipedia, the free encyclopedia
Fiiziyoloojiin ykn Xinqaama ykn Qor-dalagqaamaa damee Xin-jiree, akkaataa lubbu qabeeyyii adeemsa baayoloojii isaanii adda addaa itti dalagaan qorachuu irratti xiyyeeffata. Sirnoonni, qaamonni, gummeewwan fi lubbiyyoowwan micirjirtii tokko keessa jiran adda addaa akkamitti akka waliin dalaaguun madaalqa(homeostasis) ofii eeguu fi dalagaawwan jireenya itti fufsiisuu dandeessisan qorata. Haala fiiziyoloojii namaa keessatti adeemsa akka hargansuu, marsaa dhiigaa, bullaa’insa nyaataa, meetaabolii, walhormaataa fi hubannoo miiraa qorachuu of keessatti qabata. Qorannoon fiiziyoloojii wal-nyaatinsa molakiyuulota, lubbiyyoo fi sirna qaamolee gidduu jiru dabalatee malawwan adeemsa kana jalatti argaman hubachuuf kan akeekedha. Akkasumas adeemsi kunniin wantoota akka jeneetikii, naannoo fi dhukkubaan dhiibbaa akkamii akka geessisan qorata. Saayintistoonni mala fiiziyoloojii irratti hubannoo argachuudhaan dalagaalee idilee qaamaa caalaatti hubachuu fi gidduu-galummaa fayyaa eeguu ykn deebisuuf gargaaru qopheessuu danda’u.
Wikiwand in your browser!
Seamless Wikipedia browsing. On steroids.
Every time you click a link to Wikipedia, Wiktionary or Wikiquote in your browser's search results, it will show the modern Wikiwand interface.
Wikiwand extension is a five stars, simple, with minimum permission required to keep your browsing private, safe and transparent.