From Wikipedia, the free encyclopedia
Dambaliin jeequmsa amaloota naannoo, kan akka dhiibbaa dambalii sagalee fi daambalii bishaanii ykn cimina dirree elektiromaagneeti dambalii ifaa keessatti ykn damballin jeequmsa yeroofi bakka.kessaa imaluudha.
Dheerinni Dambalii (λ): Dheerinni Dambalii kan ibsamu fageenya tuqaawwan walfakkaatan dambalii walmaddii gidduu jiruudha. Fakkeenyaaf, fageenyi fiixee ykn dhooqa dambalii lama walmaddii jiran gidduu jiru dheerina danbaalii dha. Dheerinni dambalii qubee Giriikii λ (lambda) tiin agarsiifama.. Dambaliiwwan guyyaa guyyaan ilaallu kanneen akka ifa, sagalee ykn dambalii bishaanii dha. Dheerinni danbalii fi firikuweensii(irradeebinna) gidduu hariiroon figgisoo tu jira .Danbaliin lama yoo saffisa walfakkaataa qabaate dheerinni dambalii gabaabaan irradeebina guddaa qaba.
dambalii qaxxaamuraa yemmuu kallattiin hollannaa suudoo fi kallaattiin sochii dambalii waliif kofa sirrii uumaniidha.
Dambalii qaxxaamuraa yemmuu kallattiin hollannaa suudoo fi kallaattiin sochii dambalii waltarree ta'aniidha Fkn: dambalii sagalee,fi dambalii cedhedhaa.
Kanaaf akka:
Bakka boqonnaa: Bakki boqonnaa bakka hin jeeqamne ruqooleen ykn dirree yeroo isaanis raafama hin jiran. iddoo tasgabba'aa.
Qaxxaamura: Qaxxamurri fageenya qabxiin murtaa’aan gidduttii argamu jechuudha
bakka boqonnaa isaa irraa socho’a.
Dhooqa: Dhooqa jechuun qabxii gadaanaa bakka boqonnaa gadiitti argamuu.
Fixxee: Fixxee qabxii olka’aa(olaanaa) bakka boqonnaa olitti argamudha.
Yeroo (T): Yeroon, mallattoo T tiin kan agarsiifamu, yeroo marsaa guutuu tokkoo kan sochii irradeddebi'e. Akkasumas yeroo dambaliin guutuu tokko gara qabxii kenname tokko dabarsuu.
Irradedebina (f ): Irradedebina Firikuweensiin, mallattoo f tiin kan bakkabu'u dha.Irradedebinni lakkoofsa dambalii guutuu tokku yeroo tokkotti qabxii kenname tokko darbanii jedhamee ibsama. Irradedebinni hamma olka’u lakkoofsi dambalii sekondii tokkotti dha.
Bikkoomni waliigalaa firikuweensii sekondii tokkotti marsaa tokko dha. Kunis Hertz tokko (Hz) jedhamee ibsama
1Hz=1 marsaa/s.
Hiixina (A): Hiixinni ykn Ampiliituudiin kan ibsamu qaxxamura guddaa bakka walmadaalummaa irraati. Hiixinni mallattoo A tiin kan agarsiifamu yoo ta’u, meetiraan (m) .safarama
Saffisa Dambalii (v): Saffisni dambalii kan ibsamu fageenya dambalii sekondii tokko keessatti deemtudha. Mallattoo v tiin kan agarsiifamu yoo ta’u akkuma saffisa hundaatti sekondii tokkotti meetiraan safarama.
Seamless Wikipedia browsing. On steroids.
Every time you click a link to Wikipedia, Wiktionary or Wikiquote in your browser's search results, it will show the modern Wikiwand interface.
Wikiwand extension is a five stars, simple, with minimum permission required to keep your browsing private, safe and transparent.