Daldala garbaa
From Wikipedia, the free encyclopedia
Garbummaan gocha(adeemsa) dhala namaa humnaan tajaajila adda addaa akka kennuu itti dirqamsiifamudha. Seenaa dhala namaa keessatti garbummaan bara kamiifi eessatti akka jalqabame sirriitti hin beekamu. Akka seenaan guddinaafi jijjiirama hawaasaa ibsutti garbummaan uumamuu garaagarummaa qabeenya dhuunfaa waliin walqabata. Sirni daldala garbaa sirna namni humna qabu kan humna hinqabne faayidaa barbaadeef dhimma itti bahudha. Sirna gareen humna cimaa qabu garee (hawaasa) miseensota muraasaafi humna hinqabne akka meeshaatti itti fayyadamudha. Sirna daldala garbaafi garbummaa keessatti dhalli namaa gadadoofi darara hedduu keessa darbee jira. Namoonni garboffataman tajaajila barbaadamu hunda gaaffii tokko malee raawwachuuf dirqamu. Gareen garbooffataan garba harkaa qabu akka meeshaatti itti fayyadama, yoo barbaade immoo ni gurgura. Sirna daldala garbaa keessatti bu’uurri dinagdee humna garbootaati. Qaroomman bara durii keessatti hojiileen hedduu humna garbootaatiin hojjetamaa turaniiru. Haaluma kanaan, mootummoota akka Giriik, Roomaa, Misir, Mero’eefi Aksum durii humna garbootaatti fayyadamaa turaniiru. Bara durii gulantaa hawaasaa keessaa hoggantoonni, mootonni, abbootiin lafaafi hoggantoonni amantii humna garbootaa fayyadamaa turan. Yeroo sanatti namoonni akka garbaatti fudhatamaa turan namoota lola yookiin walitti bu’iinsa adda addaatiin dirree waraanaa irratti booji’aman fa’i.