From Wikipedia, the free encyclopedia
Pirootinoonni ykn Burqatootni dhagaalee gurguddoo barbaachisoo lubbu qabeeyyii hunda keessatti argamanidha. Isaanis sansalata dheeraa Dhangaggeewwan aminoo hidhoo peeptaayidiin walitti hidhaman irraa ijaaramaniiru. Pirootinoonni lubbiyyoo keessatti hojii adda addaa kan qaban yoo ta’u, isaanis deeggarsa caasaa, si'eesituu inzaayimii, geejjibaa molakiyuulotaa, deebii ittisa qaamaa fi mallattoo lubbiyyoo dabalatee. Hojiin addaa pirootiinii tokkoo caasaa addaa garsadee qabuun kan murtaa’u yoo ta’u, kunis tartiiba Dhangaggeewwan aminoo fi walnyaatinsa isaan walii isaanii fi naannoo naannoo isaanii wajjin qabaniin kan murtaa’udha.
Oomishni pirootiinota adeemsa burqophee ykn tiraanslation ykn hiikkoo jedhamu keessatti raawwatama. Adeemsa kana keessatti odeeffannoon jeneetikii/ dhalmaya DNA keessatti kuufame gara ergamaa RNA (mRNA)tti ergamee booda gara tartiiba addaa amiinoo asiidotaatti jijjiirama. Sana booda Ergaa (mRNA)n qaama raayboosoomii jedhamaniin kan dubbifamu yoo ta’u, Dhangaggeewwan aminoo tartiiba sirrii ta’een walitti qabamanii pirootiinii oomishuu.
Burqatoonnii sirna lubbu qabeeyyii keessatti molakiyuulota jirtii baay’inaan argaman keessaa tokko yoo ta’an, dalagaa adda addaa kan qaban yoo ta’adha. Burqatonni caasaa, qindeessituu, kontoonfataa ykn eegumsa ta’uu danda’u; geejjibaa, kuusaa ykn sabagoota keessatti tajaajiluu danda’u; ykn summii ykn nam'i ta’uu danda’u. Tokkoon tokkoon lubbiyyoo sirna lubbuu qabu keessatti burqatonni adda addaa kumaatamaan lakkaaʼaman kan of keessaa qabu siʼa taʼu, tokkoon tokkoon isaanii dalagaa adda taʼe kan qaban taʼuu dandaʼa. Caasaan isaanii akkuma hojii isaanii garaagarummaa guddaa qaba. Hundi isaanii garuu poliimaroota Dhangaggeewwan aminoo yoo ta’an, tartiiba sararaan kan qindaa’ani dha.
“Dhangaggeen Amiinoo mirreewwan jirtii walitti makamanii burqata uumuudha, kanaaf ruqooleen ijaarsa burqata jedhamanii waamamu. Baayoomolekuloonni kun qaama namaa keessatti dalagaawwan xiinjiraawaa fi keemikaalaa hedduu keessatti kan hirmaatan yoo ta’u, guddinaa fi dagaaginna dhala namaatiif wantoota barbaachisoodha. Uumama keessatti kan argaman dhagaggeewwaan amiinoo gara 300 taʼan tu jiru garuu isaan keessaa 20 qofti burqatootoonni lubbu qabeeyyii ijaaran keessatti hirmaatu, burqataa baakteeriyaa keessatti Dhangaggeen amiinoo 22 malee.
Dhangaggeewwan amiinoo gareewwan amiinoo bu’uuraa (-NH2) fi gareewwan kaarboksiilii (-COOH) of keessaa qabani dha. Wantoonni burqata keessatti argaman Dhangaggeewwan amiinoo jedhamuu. Peeptiidonnii fi burqatoonnii lamaan isaanii iyyuu funcaa dheeraa Dhangaggeewwan amiinooti. Walumaagalatti Dhangaggeewwan amiinoo digdamii kan jiran yoo ta’u, isaanis ijaarsa pirootiinota keessatti hirmaatu.
Maqaafi unkeewwan Gareewwan | |||
Alanine | C3H7NO2 | Leucine | C6H13NO2 |
Aspartic Acid | C4H7NO4 | Lysine | C6H14N2O2 |
Asparagine | C4H8N2O3 | Methionine | C5H11NO2S |
Arginine | C6H14N4O2 | Proline | C5H9NO2 |
Cytosine | C4H5N3O | Phenylalanine | C9H11NO2 |
Cysteine | C3H7NO2S | Serine | C3H7NO3 |
Glycine | C2H5NO2 | Tyrosine | C9H11NO3 |
Glutamine | C5H10N2O3 | Threonine | C4H9NO3 |
Histidine | C6H9N3O2 | Tryptophan | C11H12N2O2 |
Isoleucine | C6H13NO2 | Valine | C5H11NO2 |
Dhangaggeewwan aminoo 20 keessaa qaamni keenya salphaatti muraasa ofuma isaatiin jaaruu danda’a, isaanis Dhangaggeewwan aminoo miti murteessoo jedhaman. Isaan keessaa alanine, asparagine, arginine, aspartitic acid, glutamic acid, cysteine, glutamine, proline, glycine, serine fi tyrosine kan jedhamanidha.
Kanneen irraa kan hafe Dhangaggeewwan aminoo biroo sagal kan jiran yoo ta’u, isaanis qaamni keenyaan jaaramuu waan hin dandeenyeef baay’ee murteessoodha. Isaanis Dhangaggeewwan aminoo murteessoo kan jedhaman yoo ta’u, isaanis isoleucine, histidine, lysine, leucine, phenylalanine, tryptophan, methionine, threonine fi valine of keessatti qabatu.
Caasaan waliigalaa Dhangaggeewwan aminoo H2NCH RCOOH yoo ta’u, akkas jedhamee barreeffamuu danda’a:
COOH
|
H2N – – C – – H
|
R
Dhangaggeewwan aminoo uumamaan argaman 20 kan jiran yoo ta’u hundi isaanii amala caasaa walfakkaataa qabu – garee amiinoo (-NH3+), garee kaarboksiileetii (-COO-) fi haayidiroojiinii atoomii kaarboonii walfakkaatuun hidhame. Funcaa cinaa isaanii garee R jedhamu keessatti walirraa adda. Tokkoon tokkoon amiinoo asiidii garee adda addaa 4 α- kaarboonii irratti maxxanan qaba.
Gareen 4n kunniin:
2. Dalagaalee Dhangaggeewwan aminoo Miti-Murteessoo
Molekuloonni pirootiinii molakiyuulota gurguddoo fi walxaxaa hidda(kirrii) amiinoo asiidota tokkoo fi isaa ol maramaafi dachaafamaan uumamani dha. Tokkoon tokkoon amiinoo asiidii hidhoo koovaaleentiitiin amiinoo asiidii itti aanu waliin walqabsiifama.
Walumaagalatti, isaanis gosa molakiyuulota pirootiinii lama pirootiinota qajjisoo(fibrous) fi pirootiinota kurfoo(globural) dha. Pirootinoonni qajjisoo kan hin bulbulamnee fi dheeraa dha. Pirootinoonni kurfoon bulbulamoo dha. Pirootinoonni qaajjisoofi kurfoo gosa caasaa pirootiinii tokko yookiin afur of keessaa qabaachuu kan danda’an yoo ta’u isaanis caasaa sadarkaa tokkoffaa, lammaffaa, sadaffaa fi kudhaama of keessatti qabatu.
Burqatoonni kurfoon gita pirootiinota caasaa isaanii takashamaa ykn uduudamaa, dunqunqula akkammii sadii qabani dha. Burqatoonni kun adeemsa xiinjiree adda addaa keessatti gahee murteessaa kan qaban yoo ta’u, akka nam'aa, farra qaama alagaa, geejjibaa fi molakiyuulota mallattootti tajaajilu. Pirootinoonni Qaajjisoo irraa adda ta’ee pirootinoonni kurfoo haala walxaxaa ta’een dacha’uun caasaa hidhoo akka hidhoo haayidiroojiinii fi riqicha daayisalfaayidiitii(lam-waalgaayidiitii)n sukkaa'e uumu. Uumamni isaanii bishaan keessatti bulbulamuu kan danda’u yoo ta’u, amiinoo asiidota haayidiroofiilikii pirootiinii irratti argamaniin haala mijeessa, sirna xiinjiree keessatti wal-harkisa molakiyuulaa addaa irratti akka hirmaatan isaan dandeessisa. Fakkeenyonni beekamoo ta’an, seelii dhiiga diimaa keessatti oksijiinii geejjibuuf itti gaafatamummaa kan qabu bureebiluu fi maashaalee keessatti oksijiinii kuusuu keessatti hirmaatu kan dabalatudha. Dalagaalee adda addaa pirootinoonni kurfoo guutummaafi hubamuu dhaba seelii eeguu fi sochiiwwan baayookeemikaalaa barbaachisoo ta’an orgaanizimoota lubbuu qaban keessatti qindeessuu keessatti barbaachisummaa isaanii hubachiisu.
Pirootinoonni qaajjisoo gosa pirootiinii boca qallaa dheeraa ykn qaajjisoo ta’ee fi caasaa dibaalaawaa (filamentous) fi baalashee(sheet) fakkaatu uumuudha. Isaanis pirootiinota kurfoo fi sabagaan cinatti, ramaddiiwwan gurguddoo sadan caasaa pirootiinii keessaa tokko. Pirootinoonni qaajjiisoo akkaataa adda addaatiin kan hin sochoonee fi bishaan keessatti kan hin bulbulamne yoo ta’u, gummaa walqabsiisaa, ribuu (tendons), matrices lafee fi qaajjisa(kirri) maashaa uumuun gahee caasaa ykn kuusaa tajaajilu. Pirootiiniin qaajjjisoo baay’inaan argamu kolaajiin yoo ta’u, kunis tishuu walqabsiisaa lafee dugdaa kanneen akka ribuu, morgaa(cartilage) fi lafee keessatti argama. Fakkeenyonni pirootiinota qaajjisoo kanneen biroon burqat-rifeensa (keratin), burqata meenxoo(elastin) fi liilana(fibrin) dha. Pirootinoonni qaajjisoo pirootiinota kurfoo irraa adda kan ta’an bishaan keessatti bulbulamuu isaanii gadi aanaa ta’een dha. Isaanis dibaalaawwan(filaments) pirootiinii dheeraa kan uumuu yoo ta’u, isaanis boca ulee ykn shiboo kan qaban yoo ta’u, sababa funcaa cinaa haayidiroofobiikii molakiyuulii keessaa ba’een akka walitti qabamaatti uumamu. Pirootinoonni qaajjisoo akka pirootiinota kurfoo salphaatti cabuu dhiisuu barbaadu.
Garaagarummaa Burqata qaajjisoo fi kurfoo | |
Caasaa – kana jechuun pirootinoonni kun riqicha kennuudhaan boca lubbiyyoo eeguuf gargaaru | Dalagaa – kana jechuun pirootinoonni giloobaarii qaama keessatti dalagaa xiinjiraawaa addaa raawwatu jechuudha |
Koolajiinii, burqat-rifeensa (keratin), burqata meenxoo(elastin) fi liilana(fibrin) | Albuumiin, giloobuliinii, histoonii, pirootiinota fudhataa, Waciboota, Farra qaama alagaa, bureebiluu(heemoogiloobiinii), bureemaashaa, insuliinii fi nam'oota |
Dheeraafi qallaa | Boca duqunqula |
Tartiiba amiinoo asiidii uumamaan irra deddeebi’aa dha | Tartiiba amiinoo asiidii qindaa'aa miti |
Wantoota akka jijjiirama ho’aa fi pH irratti miira xiqqaa kan qaban | Ho’aa fi pH irratti caalaatti miira qaba |
bishaan keessatti kan hin bulbulamne | Bishaan keessatti kan bulbulamaniidha |
Pirootinoonni akka madda Dhangaggeewwan aminoo barbaachisoo ta’anitti sirna nyaataa keessatti faayidaa barbaachisaa qabu. Isaanis akka inzaayimii, walnyaatinsa keemikaalaa qaama keessatti uumamuuf si'eesitoota ta’anii fi tishuuwwaniif deeggarsa caasaa ni kennu. Pirootinoonni geejjibaa, deebii ittisa qaamaa, lubbiyyoo keessattis gahee kan qaban yoo ta’u, baayooteknooloojii fi adeemsa industirii keessattis hojiirra oolmaa qabu.
Seamless Wikipedia browsing. On steroids.
Every time you click a link to Wikipedia, Wiktionary or Wikiquote in your browser's search results, it will show the modern Wikiwand interface.
Wikiwand extension is a five stars, simple, with minimum permission required to keep your browsing private, safe and transparent.