![cover image](https://wikiwandv2-19431.kxcdn.com/_next/image?url=https://upload.wikimedia.org/wikipedia/commons/thumb/1/18/Augustine_Volcano_Jan_12_2006.jpg/640px-Augustine_Volcano_Jan_12_2006.jpg&w=640&q=50)
Burkaana
From Wikipedia, the free encyclopedia
Abidda goomar ykn Volkaanoon sababa hoo’a guddaa keessa lafaatti ummamuun kattaaleen yoo baqan dhangala’aa(maagimaa)fi gaasiin uumaman dhoo’iinsa uumamuudha. Teessuma lafaa dhoo’insa voolkaanotiin uumaman.
![Thumb image](http://upload.wikimedia.org/wikipedia/commons/thumb/1/18/Augustine_Volcano_Jan_12_2006.jpg/640px-Augustine_Volcano_Jan_12_2006.jpg)
![Thumb image](http://upload.wikimedia.org/wikipedia/commons/thumb/f/f1/Aa_large.jpg/640px-Aa_large.jpg)
Maagmaan ykn kaalloon sababa dhiibbaa guddaa irraa kan ka’e hoo’a cimaadhan kattaan keessa lafaa baqee dhangalaa’u jechuudha. Maagmaan bakka itti qorru irratti hundaa’uunis burkaanan bakka lamatti qoodama. Isaanis:
1. burkaana lafa keessatti qorruufi
2. burkaana fuula lafaatti bahee qorruu
Maagmaan baay’ee dhangala’aa ta’e qaama lafaa gara gubbaa dhoosuun gara alaatti dhangala’a. Maagmaan keessa lafaa irraa maddee irra lafaa dhoosee fuula lafaa irratti dhangala’u boolla tokkoon yookiin boolla baay’een bahuu nidanda’a. Boolla tokkichaan yoo magimaan keessaa lafaati dhohee bahu Buraja(vent) jedhama. Volkaanoon boolla baay’een dhangala’u immoo baqaqa(fissure) jedhamuun beekama. Volkaanoon boolla tokkoon humna cimaan darbatamee bahu kaaldeeraa ykn Boolloo burkaanaa uuma. Hammi hoo’aa yoo cimaa ta’e maagmaan uumamu dhangala’aa ta’a. Haa ta’u malee sababa dhiibbaa lafa keessatiin hoo’i uumamu gadi aanaa yoo ta’e immoo maagman uumamullee furdaadha. Hammi gaasii maagmaa dhangala’aa ta’e keessatti olaanaa ta’a. Kun immoo dhoo’insi burkaana cimaa akka ta’u gargaara. Maagmaan gara fuula lafaatti bahee dhangala’a. Maagmaa fuula lafaatti bahee dhangala’u humbuluqa(Laavaa) jedhama. Hoo’i keessa lafaa xiqqaa ta’uun maagman uumamu furdaa ta’a, gaasii xiqqaa qaba. Kun immoo maagmaan gara fuula lafaa osoo ol hin bahin baqaqaa dhagaa keessa seene hafa jechuudha.Kanaan maagmaa lafa keessatti hafee qorre jedhama.