From Wikipedia, the free encyclopedia
Binensotti qoqqodama micirjirtii kessaattii guggudo kan ta'aan kessa tokko yoo ta'uu, kan qoqqodamus akkaa Mootummaa Bineeldoota yokan Neefka ta'eet. Walumma galattii Lubbiyyeedduu, waan isaan marsee jiruu kan hubatanii fi kan nyataan immoo organizimotta biraa nyachuun yokan kuttaa organizimotta biraa kessaa hanga ta'ee nyachuun kan jiratanii dha. Qamnii isaan kuni akkumaa gudataniin jabacha dhufaa, kunis bayinaan kan ta'uu akka Miciree yoo guddatan, haa ta'u malee binensotti tokko tokko itti anee metamorphosis geggesu.
Jechii "Bineelda" jedhuu kan dhufee jecha "bineensaa" fi "beeylada"jedhurraa kan dhufeedha. jechii kunii hikaan isaa bineeldoota nama alla ta'aan ibsuuf tajajilama. Haa ta'u malee Baayoloojii kessatti jechii kunii miseensotta Mootummaa Bineeldoota ta'aan hundaa ibsuuf tajajilamaa. Kanaafu jechii "Bineeldoota" ykn "neefkoota" jedhuu biology kessatti yoo tajajilamuu namas walit-qabata. Bineeldoota akka biqiltoota ifa adduun kan hin guddannee f fi Nyaata hin qopheffannedha.
Xinjiree keessatti Seera Ramaddameerratti hundaa'uun Bineeldootni Murnoota 9tti qodamuu
Baayoloojii(xin-lubbuu) keessatti bineensonni gita jireenyaa tokko yoo ta’an gita 34tti qoodamu. Kanneen keessaa baay’een isaanii raammoo xixiqqoo ykn gosoota raammoo fakkaataniidha.
Walhormaanni amala bineeldota waloo ta’an keessaa isa tokko yoo ta’u, isaanis akka mirkaneessaniif itti fufiinsa gosa isaanii. Kanaafuu, walhormaanni adeemsa lubbu qabeeyyiin fakkaattii isaanii ittiin bakka buusani dha. Alsaalessaafisaalessaatti qoodamu.
walhormaata saalaa malee gosa walhormaataa nama dhuunfaa tokko kan hirmaachisu yoo ta’u, walitti makamuu saallubbiyyoo(gaameetii) warra lama irraa kan hin ummamneedha. Walhormaata saalmalee bineeldotaa keessatti duguggurqabeeyyii caalaa bineensota duguggurmaleeyyii biratti baay’inaan mul’ata. Kichaa'uu fi addabahinsaa gosoota walhormaata saalmalee keessumaa bineeldota bishaanii(aboyyii) keessatti baay’inaan mul’atudha. Bifa walhormaata saalmalee bineeldota keessatti mul’atu inni biraan immoo walhormaata alrimeessaa (parthenogenesis) dha. Gosa walhormaataa kana keessatti hanqaaquun hinmisoomne akkuma ilbiisotaa fi duguggurqabeeyyii tokko tokkoo sanyii haaraatti guddatu.
Addaan-bayinsii gosa walhormaata saalmalee kan orgaanizimiin tokko gara orgaanizimoota adda addaa lamaa fi isaa oltti qoodamudha. fknf: dubra'a, meerqa
Adeemsa:
Kichaawuun gosa walhormaata saalmalee kan orgaanizimiin haaraan guddina (kichuu) orgaanizimii warraa irraa guddatudha. fknf: haaydiraa(binidditoo)
Adeemsa:
Ciccituun gosa walhormaata saalmalee kan orgaanizimiin tokko gara ciccitaatti caccabee, tokkoon tokkoon ciccitaa gara orgaanizimii haaraatti guddatudha. fknf: Urjii galaanaa,
Adeemsa:
Parthenogenesis gosa walhormaata saala malee kan hanqaaquun tokko osoo hin-rimaayin gara nama dhuunfaa haaraatti guddatudha. fkf: lootuufi ilbiisota tokko tokko
Adeemsa:
walhormaatni saalessaa gosa walhormaataa warra lama kan hirmaachisu yoo ta’u, gaameetiin warra lama (kormaa fi dhalaa) walitti makamuun kan barbaadudha. Ilmoo warra lamaan irraa wantoota dhaala sanyii qaban ni hora. Warri orgaanizimoota baadirlamee(diploid) kan tuuta kiroomozoomii guutuu qaban (2n).Walhormaatni saalessaa caasaa walhormaataa kormaa fi dhalaa adda addaa kan dalagaa adda addaa qabu of keessatti qabata. Dalagaaleen barbaachisoo ta’an keessaa tokko lubbiyyoolee baadirgamisa (haploid gametes) (n) jedhaman oomishuuf odeeffannoo jeneetikii warra irraa gara ilmootti dabarsuudha. Walhormaata saalessaa keessatti kormaa ameenxaa fi lubbiyyoo baaddirgamisa (haploid (n) ) cidhaan keessatti kan uumu yoo ta’u, lubbiyyooleen sanyii kormaa (ameenxaa)hanga walqunnamtii saalaa bahutti gonnee ykn kuburqunxurroo (epididymis) keessatti kuufamaniiru. Gama biraatiin dhalaan lubbiyyoo baaddirgamisa (haploid) ovum ykn hanqaaquu (n) kan gutoo keessatti bilchaatu kan uumuu fi seelonni isparmii gaameetii dubartootaa wajjin walitti makamuun adeemsa walhormaataatiin zaayigootii uuma.
Seamless Wikipedia browsing. On steroids.
Every time you click a link to Wikipedia, Wiktionary or Wikiquote in your browser's search results, it will show the modern Wikiwand interface.
Wikiwand extension is a five stars, simple, with minimum permission required to keep your browsing private, safe and transparent.