Qaamni tokko dalagaa dalaguu yoo danda’e anniisaa qaba jadhama. Kanaafuu, anniisaan qaamni tokko hamma dalagaa qaamichi dalaguun wal qixa ta’a. Dalagaan tokko dalagame kan jedhamu yoo jijjiiramni anniisaa jiraateedha. Kanaafuu, dalagaan dalagame hamma anniisaa jijjiirameetiin ibsuun nidanda’ama. Walumaa galatti, anniisaan dandeetti dalagaa dalaguuti. Iddo bu’een anniisaa (E) yoo ta’u, Yuunitiin immoo juulii (J) jedhamuun beekama.

Dungoon ifuun anniisaan keemikaala gara anniisaa ifaa fi hoo’atti jijjiramuu, Balbiin ifuun anniisaan elektiriikii gara anniisaa ifaafi hoo’atti jijjiramuu, nyaanni bulla’uun anniisaa keemikaalaa gara anniisaa hoo’aafi sochiitti jijjiiramuu, ceedheedhi harkifame anniisaa kuufame gara anniisaa sochiitti jijjiiramuu agarsiisa. Akaakuuwwan anniisaa heddutu jira. Isaan keessa muraasni: anniisaa sochii, anniisaa kuufamaa, anniisaa makaanikaalaa, anniisaa hoo’aa, anniisaa keemikaalaa, anniisaa elektiriikii, anniisaa niikulariifi kanneen kana fakkaataniidha.

Wikiwand in your browser!

Seamless Wikipedia browsing. On steroids.

Every time you click a link to Wikipedia, Wiktionary or Wikiquote in your browser's search results, it will show the modern Wikiwand interface.

Wikiwand extension is a five stars, simple, with minimum permission required to keep your browsing private, safe and transparent.